Oromiyaatti Sagantaan jalqabsiisa sosochii Buusaa Gonofaa jalqabame.

396

Caamsaa 17/2014(TOI) - Oromiyaatti Sagantaan jalqabsiisa sosochii Buusaa Gonofaa magaalaa Finfinnee Hootela Ilillii Intarnaashinaalitti jalqabame.

Buusaa Gonofaan qaama sirna Gadaa keessaa tokko kan ta'e sirna ittiin wal gargaraan waggoota hedduuf turedha jedhameera.

Sirni kun sirna uummanni Oromoo rakkoo nam-tocheenis haa ta'uu kan uumamaa yeroo mudatu rakkicha darbuuf kan ittiin wal gargaarudha.

Sosochii kana jalqabisiisuun kan barbaachiseef aadaa walgargaarsaa uummata kanaa caalaatti cimsuuf jedhameera.

Mootummaan naannichaas sirni kun bifa dhaabbataa qabatee akka socho'uuf sadarkaa biirootti qindaa'ee hojjetamaa jiraachuu himameera.

Sirna sosochii kana jalqabsiisuurratti pireezidaantii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantoonni mootummaa Federaalaafi naannichaa biroon argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015