Waancaan Addunyaa har’a Finfinnee gale.

79

Caamsaa 16/2014(TOI) - Dorgommiin Kubbaa Miilaa Addunyaa bara 2022 Qaataaritti adeemsiifamuun dura biyyoota garaa garaatti agarsiisaaf kan naanna'aa jiru Waancaan Addunyaa har’a Finfinnee galeera.

Taphataa lammii Biraaziil Baarseloonaaf taphaachaa ture Juuliyaanoo Beeleeti Waancaa kana qabachuun Finfinnee wayita gahu, Ministira Aadaafi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasaa, Deetaa Ministira Damee Aadaafi Ispoortii Ambaasaaddar Masfin Charinnatiifi hoggansi adda addaa argamuun simataniiru.

Waancaan kun guyyaa boruu irraa eegalee Addabaabbayii Masqalaafi iddoowwan filatamaniitti daawwannaaf ni dhiyaata jedhameera.

Waancaan Addunyaa kun Itoophiyaatti guyyoota 2 kan turu yoo ta’uu, Waancichi gara Itoophiyaa dhufuun isaa kun yeroo 3ffaafi jedhameera.

Dorgommii Kubbaa Miilaa Addunyaa bara 2022 Qaataaritti adeemsiifamuu kanarratti biyyoonni ardiiwwanii garagaraa 32 kan irratti hirmaatan ta’aa jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015