Lammiilee miliyoona 17 sababa waraanaafi hongeen buqqaa’aniif deeggarsi taasifamamuun himame.

68

Caamsaa 16/2014(TOI) - Lammiilee miiliyoona 17 sababa waraanaafi hongeen buqqaa’aniif deeggarsi Birrii Biiliyoona 2 ol taasifamuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Itoophiyaa beeksiseera.

Deeggarsi kunis naannolee Affaar, Amaaraa, Oromiyaa, Somaaleefi Saboota, Sablamootaa fi Uummattoota Kibbaatti lammiilee sababa waraanaafi hongeetiin qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqaa’aniif hanga Caamsaa 01 bara 2014tti kan kenname ta’uu Komishinichatti Hogganaan Qunnamtii Ummataa Obbo Dabbabaa Zawdee himaniiru.

Maallaqa callaa taasifameen alattis deeggarsi midhaan nyaataa meetrik tooniin miiliyoona 1fi kuma 200fi kuma 38fi 192 kennamuu himaniiru. Deeggarsichis Sagantaa Nyaata Addunyaa, Baankii Addunyaafi Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Itoophiyaatiin kan taasifame ta’uu himaniiru.

Deeggarsi kutaaalee biyyatti gara garaatiin eegalamees fuula duratti cimee itti fufuu akka qabu dhaamaniiru jechuun OBN gabaasera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015