Moosaajjiwwan hojii qorannoo qulqullina qabuuf galtee jabaa dha!

145

Caamsaa 15/2014(TOI) - Yuunivarsiitiin madda Walaabuu Moosaajiiwwan hojiilee qorannoo qulqullina qaban geeggessuuf tumsan irratti leenjii kennaa jiraachuu beeksise.

Yuunivarsiitichi leenjii humna raawwachiisummaa itti fayyadama moosaajii gara garaa irratti leenjii barsiiftota muummee gara garaatiif kennaa jira.

Moosaajiiwwan leenjiin irratti kennamaa jiranis "STATA","Meta"f "R"jedhaman irratti tahuinis ibsamee jira.

Yuunivarsiitichatti itti aanaan pirezidaantii dhimmoota qorannoo,tajaajila hawaasaaf cehumsa teeknooloojii Dr. Hasan Shifaa akka jedhanitti yuunivarsiitichi qorannoolee fedhiif rakkoo hawaasaa bu'ura godhatan geeggessuu irratti argama.

Akkasumas qorannooleef tajaajilli hawaasaa hayyoota isaatiin geeggeffaman bu'ura saayinsii akka qabaataniif moosaajiilee galteelee tahan irratti hubannoo uumaa jiraachus himan.

Leenjiin hayyoota Yuunivarsiitii kaampaasii gara garaa irraa walitti bahaniif moosaajii qabiyyee gara garaa irratti kennamaa jirus qaamuma carraaqii kanaati jedhan.

Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Madda Walaabuu Dr.Ahmad Kaliil gama isaaniitiin ergaa dabarsaniin leenjiin moosaajii irratti kennamaa jiru fedhii barsiiftota yuunivarsiitichaa jiddu galeessa godhachuun cinaatti qorannoo qulqullina qabuuf galtee jabaa taha jedhan.

Leenjichi humna raawwachiissummaa barsiiftotaa cimsuun bu'aalee qorannoo qulqullina qabaniif amanamoo tahan geeggessuu keessatti shoora ol'aanaa qabas jedhan.

Dr.Ahmad akka jedhanitti barsiistonnii carraa leenjii argatan sirnaan itti fayyadamuun galma leenjiif qabame akka dhugoomuuf tumsuu qabus dhaaman.

Leenjitoonni gama isaaniitiin leenjiin moosaajii gara garaa irratti isaaniif kennamaa jiru hudhaalee qulqullina qorannootiin wal qabatee mudachaa ture kan isaaniif xiqqeessu tahuus eeran.

Bara 1999 tti hojii baruufi barsiisuu kan jalqabe Yuunivarsiitiin Madda walaabuu muummeewwan barnoota gara garaatiin barattoota kuma 20 caalan humna simatee barsiisuu irra gahuu ragaan Yuunivarsiiticharraa argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015