Dhalatoonni aanaa Siree mana kitaabaa ammayyaa tokko jiraaruf birrii miiliyoona 3.7 walitti qaban.

79

Caamsaa 15/2014(TOI) - Pireezidaantii Baankii Daldala Itoophiyaa dabalatee hayyoonnIi fi abbootiin qabeenyaa dhalootaan Godina Arsii aanaa Siree ta'an mana barnootaa Siree sadarkaa 2ffaatti mana kitaabaa ammaayya tokko ijaaruuf birrii miiliyoona 3.7 walitti qaban.

Sirna galii walitti qabuu ijaarsa mana kitaabaa kanaaf qophaa'eerratti pireezidaantii Baankii Daldala Itoophiyaa obbo Abbee Saanoo dabalatee hayyoonnifi abbootiin qabeenyaa dhalootaan naannawwicha ta'an argamaniiru.

Itti gaafataman waajjira Barnootaa Godina Arsii obbo Huseen Ahimad akka himanitti godinichatti dhalatoota godinichaatiin manneen barnoota hedduun ijaaramaa jiru.

Kanaanis waliin gahinsa barnootaa caalaatti cimsuufi qulqullina barnootaa mirkaneessuuf daree dabalataa, manneen kitaabaafi mana barnootaa oolmaa da'iimmanii ijaaraa jiraachuu himaniiru.

Dhalatoonni gonichaa haaluma kanaan deggarsa taasisan cimsanii itti fufuu qabu jedhaniiru.

Dhalataa aanaa Siree kan ta'aan Pireezidaantiin baankii daldala Itoophiyaa obbo Abbee Saanoo akka himaniitti manni barnootaa sadarkaa lammaffaa Sireetti mana kitaabaa ammayyaa akka qabaatuufi dhaloota karaa sirrii ta'een guddisuuf gahee nurra eeggamu bahuuf mana kitaabaa kana ijaaruuf kaane jedhaniiru.

Kana milkeesuufis dhalatoonni aanichaa guyyaa hundeeffama mana barnootaa Siree sadarkaa lammaaffaa waggaa 50ffaa sababeeffachuun manni barnooticha mana kitaabaa ammayyaa akka qabaatuuf galii birrii miiliyoona 3.7 waliitti qabuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015