Hoggantoonni Olaanoo Paartii Badhaadhinaa Naannoo Sidaamaa sochii misooma Intarpiraayizotaafi abbootii qabeenyaa daawwatan.

72

Caamsaa 15/2014(toi) - Hoggantoonni Olaanoo Paartii Badhaadhinaa Naannoo Sidaamaa sochii misooma Intarpiraayizotaafi abbootii qabeenyaa daawwatan.

Hoggantoonni kunneen leenjii fudhachaa jiraniin cinaatti sochii misooma intarpiraayizotaafi abbootii qabeenyaa daawwataniiru.

Daawwannaa isaanii kanaanis Paarkii Indaastrii Hawaasaa, Yuuniyeenii Misooma Qabeenya Qurxummiifi Beeyladaa, Paarkii Indaastrii Qindaa’aa Yirgaalam, intarpiraayizota bu’a qabeessa ta’aniifi hojiilee misoomaa kanneen biroo daawwataniiru.

Kaayyoon daawwanichaas, hoggansi sadarkaan jiru intarpiraayizota fakkeenya ta’an irraa muuxannoo qoodachuufi qindeessuun naannoo isaaniitti akka babal’isan gochuuf jedhameera.

Daawwannaa kanarrattis Hogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannoo Sidaamaa Obbo Abrahaam Maarshaaloo dabalatee, hoggantoonni olaannoo paartichaa 37 hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015