Godina Harargee Lixaatti ji'oota sadan darban galmee himataa adeemsarra jiru kuma 2 ol karaa mana murtii aadaa furuun danda'ameera.

261

Caamsaa 15/2014(TOI) - Naannoo Oromiyaa godina Harargee lixaatti ji'oota sadan darban galmee himata adda addaa kan murtii argachuuf adeemsarra jiru kuma 2 ol karaa mana murtii aadaa furmaata akka argatu taasifamuun himamee.

Manni murtii aadaa kun waldhabdeewwan akkataa aadaan karaa araaraan akka furamaan taasisaa jiraachuun himameera.

Raawwiin hojii mana murtii aadaa Godina Harargee Lixaatti aanaalee 3 irraa walitti dhufuun hundaa'ee qoratameera.

Pireezidaantiin mana murtii olaanaa Godina Harargee Lixaa obbo Bukaar Kadiroo TOI tti akka himanitti godinichatti baatiiwwan 3 darban galmee himataa kuma 2fi 954 mana murtichaatti dhihaatee keessaa galmeen kuma 2fi 230 karaa mana murtii aadaa furamuu danda'uu himaniiru.

Manneen murtii aadaa kunneen seeraa idilee mana murtii osoo hin taanee seeroota aadaa fayyadamuun waldhabdeewwaniifi himataa jiruuf furmaata laatuu jedhaniiru.

Dhimmoonni mana murtii idileetti himataan dhihaatan kanneen himata kana gara mana murtii idilee fidaan waliin mari'achuun yoo fedhii qabaatan gara mana murtii aadaatti dabarfamuus jedhaniiru.

Manni murtii aadaa kun yeroo fi maallaqaa qonnaan bultoonni baadiyyaa bakka magaalaarra fagoo jiran mana murtii idilee dhufuuf baasaan hir'isuufis himaniiru.

Abbaan Halangaa walii galaa Oromiyaa aadde Addunyaa Ahimad gama isaaniin mana murtii aadaatti obbotiin gadaa fi jaarsooliin biyya karaa dhugaa fi haqa qabeessa ta'een uummata tajaajiluu akka itti fufan himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015