Yuunivarsiitiin Walloo baratoota digirii jalqabaafi lammaffaa barsiisaa ture 823 eebbisiise.

86

Caamsaa 14/2014(TOI) - Yuunivarsiitiin Walloo baratoota digirii jalqabaafi lammaffaa barsiisaa ture 823 eebbisiise.

Daarektarri qunnamtii hawaasa Yuunivarsiiticha doktar Biraanuu Asaffaa akka himanitti, baratoota eebbifaman kana keessaa 293 dubartootadha.

Yuunivarsiitiin Walloo garee shororkeessaan ABUT erga barbadeessee booda qindoominaan hojjechuun erga deebi'ee bayyanatee booda hojii baruufi barsiisuu raawwateen baratoota barsiisaa ture eebbisuu danda'eera jedhaniiru.

Baratoonni har'a eebbifaman kunneen sababa weerara garee shororkeessaa ABUT'n dhamaatiin hedduu isaanirra gahuus erga yuunivarsiitichi gara hojii baruufi barsiisuutti deebi'e Sanbataafibdilbata dabalanii barachuun eebbaf gahaniiru jedhaniiru.

Baratoota har'a eebbifaman keessaa 106 digirii lammaffaan kan eebbifamanidha.

Sirna eebba baratootaa kanarratti qamooleen adda addaa argamaniiru jedhameera

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015