Itiyoo-Teeleekoom giddugala odeeffannoo moojulaaraa haala waliin fayyadamuun danda’amurratti dhaabbilee 4 waliigaltee mallatteesse

81

Caamsaa 12/2014 (TOI) – Itiyoo-Teeleekoom giddugala odeeffannoo moojulaaraa haala waliin fayyadamuun dabnda’amurratti dhaabbilee 4 waliigaltee mallatteesseera.

Dhaabbatichi waliigalticha kan mallatteesse Baankii Zamzam, Baankii Zaman, Baankii Hijiraa fi dhaabbata liqiif qusannoo Raaysi, waliin ta’uu ibsameera.

Giddugalichi dhaabbileen faayinaansii tajaajila si'ataa kennuu fi miidhaa gama haleellaa saaybariin dhufu qolachuuf kan gargaarudha jedhameera.

Teeknooloojichi danbalii maallaqaa biyyattii saffisisuu irra darbee, Ityoophiyaan diinagdee diijitaalaa yeroo gabaabaa keessatti akka milkeessituuf kan haala mijeessu ta’uu Hojii Raawwachiiftuu Olaantuun Ityoo-Teeleekoom Fireehiwoot Taammiruun ibsaniiru.

Dhaabbileen maallaqaa biyyattiis, haala salphaa ta'een tajaajila akka kennaniif kan gargaaru ta’uu kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015