Manni Maree Dhimma Alaa Gamtaa Awurooppaa deeggarsa misoomaa Itoophiyaa yeroof qabee ture ilaalchisee mari’achuufi

47

Finfinnee, Caamsaa 11/2014 (TOI) – Manni Maree Dhimma Alaa Gamtaa Awurooppaa deeggarsa misoomaa Itoophiyaa yeroof qabee ture ilaalchisee mari’achuuf ta’uu bakka bu’aan mirga namoomaa gamtichaa Imoon Giliimoor ibsan.

Imoon Giliimoor haala mirga namoomaa biyyattii keessa jiru madaaluuf Ityoophiyaatti daawwannaa guyyoota sadii taasisaniiru.

Daawwannaa isaaniin Pireezdaantii FDRI Saahilawarq Zawdee, Ittaanaa Ministira Muummee fi Ministira Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonnin fi hoggantoota mootummaa olaanoo waliin mari’ataniiru.

Dhaabbilee mootummaa fi miti-mootummaa mirga namoomaa irratti hojjetan akkasumas paartilee siyaasaa waliinis mari’achuu ibsameera.

Daawwannaan isaanii dhimmoota mirga namoomaa irratti kan xiyyeeffate ta’uu fi marii bu’aa qabeessa taasisuu ibsaniiru.

Itoophiyaa kutaalee garaagaraa keessatti namoonni sababa walitti bu’iinsaa fi balaa uumamaatiin miidhaman jiraachuu eeruun, deeggarsi namoomaa cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015