Taphni Chaampionsi Liigii Awuroophaa Xumura Nuusaa Har'a Galgala Ni Taphatama

122

Ebla 08/2011 Taphni Chaampionsi Liigii Awuroophaa xumura nuusaa tapha har'a galgalaatiin Baarseloonaan manchister Yuunaayitid akkasumas Juuveentuus Ayaaks Amistardaam waliin taphni taasisan ni eegama.  

Baarseloonaan Manchistar Yuunaayitid Istaadiyeemii guddicha Nuukampitti deeggartoota isaa fuulduratti kan keessuummeessu ta'a.

Manchistar Yuunaaytid torbee darbe keessa Isteediyeemii isaa Olditiraafoorditti Baarseloonaan goolii 1 fi 0n mo'amuun isaa kan yaadatamu dha.

Har'a Baarseloonaan Manchistar Yuunaayitid Istaadiyeemii guudicha Nuukampitti deeggartoota isaa fuulduratti kan keessuummeessu ni ta'a.

Manchister Yuunnaytid gara tapha xumura walakkaatti darbuuf goolii 1 ol galchuun yoo irra jiraatu, Baarseloonaan ammoo qixa ba'uu qofti gara Xumura walakkaatti kan isa dabarsu ta'a.

Tapha Biraatiin  gareen Kiristanoo Roonaaldoo Juuveentuus Isteediyeemii isa irratti Ayaax Amistardaam kan keessummeessu ta'a.

Gareen lamaanu taphaa duraatiin 1 wal qixa ba'uun isaanii kan yaddatamu dha.

Tapha har'aa kannaan gareen mo'ate gara xumura walakkaatti kan darbu ta'a.

Gareen Ayaaksi Amistardaam nuusa xumuraatiif yeroo darbu shaampioonii bara darbee Riyaal maadriid mo'atee ta'uun isaa ni yaadatama.

Kanaanis taphni har'a galgalaa tilmaama cimaa argatee jira.

Taphii lamaanuu galgala Sa'aatii wal fakkaataa ta'e 4 irratti kan taphataman ta'a.

Tapha chaampionsi liigii boru adeemsifamuunis tapni poortoo fi Liivarpuul akkasumas Maanchister siitii fi Tootanihaamis kan eegamu dha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015