Jijjirama Itoophiyaa keessatti eegalamen walqabatee hojiileen riiformii dhaabbilee nageenya irratti hojjetaman bu’aa qabataman kan itti galmaahe

142

Caamsaa 11/2014(TOI) –Jijjirama Itoophiyaa keessatti eegalamen walqabatee hojiileen riiformii dhaabbilee nageenya irratti hojjetaman bu’aa qabataman kan itti galmaahe jedhan, Raayyaa Ittisa Biyyaatti Qajeelchi Olaanaa Gamtaa Leenjii Leetanal Jeneraal Yimaar Makonniin.

Raayyaa Ittisa Biyyaatti Kolleejjiin Loltummaa marii paanaalii mata duree “jijjirama qamoolee nageenyaafi walitti dhufeenya siivili loltumma” jedhuun qopheesseera.

Marii kanarratti qondaaltoota Jeneraalaa, hoggansa nageenyaa naannoofi federaalaa, ministeerota,, dhaabbilee barnoota olaanoofi hoggansa waranaa duraanii, akkasumas qaamoleen dhimmamtoota argamniru.

Leetanal Jeneraal Yimaar Mokonnin ergaa dabarsaniin, jijjirama Itoophiyaa keessatti eegalamen walqabatee qaamolee nageenyaa ilaalcha siyaasaafi gartummaa irraa bilisa ta’eefi riiformii dhaabbilee nageenyaa faayidaa biyyaa dursiisisuu gaggeeffameera jedhan.

Dhaabbileen kunniin ergama isaanii sirnan hubachuun Itiyoophiyaa rakkoolee keessaafi alaarraa baraaruu isaanii himan.

Wayita duulaa tokkummaa sabdaneessummaa injifannoo boonsaan galmaahe dhaabbilee nageenyarratti milkaa’ina riiformii hojjetame ifatii kan agarsiisuus jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015