Dubartoonni walitti bu'iinsa hir'isuufi nageenyaa buusuu keessaatti gahee qaban caalaatti cimsanii itti fufuu qabu jedhame.

84

Caamsaa 10/2014(TOI) - Dubartoonni walitti bu'iinsa hir'isuufi nageenyaa buusuu keessaatti gahee qaban caalaatti cimsanii itti fufuu akka qaban hoggansii Liigii dubartootaa Paartii Badhaadhinaa hubachiise.

Miseensoonni hoggansa Liigichaa kunneen akka TOI himanitti, Dubartoonni dandeettii umamaafi muuxannoo horatanii qabaniin walitti bu'insa ittisuun nageenyi akka jiraatuuf akka biyyaatti gahee guddaa bahachaa turani.

Gara fuula duraattiis haaluma kanaan waantoota nageenya booressaan ittisuun akka biyyaatti gahee qaban kana caalaatti cimsuu qabu jedhaniiru.

Liiigichis gara fuula duraattis biyyatti keessa nageenyi waaraan akka jiraatuuf cimsee kan hojjetu ta'uu himaniiru.

Keessaattu liigiin kun kannee sabaafi amantaa dahoo gochaachuun nageenyaa biyyaa booressaan irratti dubartoonni xiyyeeffannoon akka qabsaa'an ni taasisaa jedhaniiru.

"Itoophiyaaf nageenyi barbaachisaadha. Nun dubaratoonni kanneen nageenya keenya booreesanirratti jabaannee qabsaa'uu qabna. Qabsoo kanas kan taasifnuu burjaajii isaan uuman hordofnee osoo hin taane karaa dhugaa fi sirriin odeeffannoo sirrii argachuun fi kennuun akkasu uummata keenya karaa sirrii ta'een tajaajiluun'' jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015