Ganna kana biqiltuu faayidaa dinagdee qaban dhaabuuf qophiin taasifameera.

158

Caamsaa 9/2014(TOI) - Ganna dhufu biqiltootaa qonnaan bultootaaf fayidaa dinagdee qabaan dhaabuuf xiyyeeffaan kennaamee qophiin taasifamaa jirachuu Ministirri Qonnaa obbo Umar Huseen himan.

Ministira Qonnaa obbo Umar Huseen dabalatee hoggantoonni Olaanoo Fedeeraalaafi Naannoo Amaaraa godina Walloo Kibbaa aanaa Qaalluutti biqlituu muduraafi kuduraa dhaabbiif qophaa’aa jiran daawwataniiru.

Sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kanaan sadarkaa biyyaaleessatti biqiltuu biiliyoonaa 6 dhaabuuf qophiin taasiifamaa jiraachuu Obbo Umar, himaniiru.

Keessattuu biqiltuu faayidaa dinagdee qaban irratti xiyyeeffannoo kennuun hojjetamaa jiraachuu Obbo Umar eeraniiru.

Biqiltoonni dhaabbiif qophaa'an kunneen kanneen jiruufi jireenya qonnaan bultoota jijjiruu keessatti gahee olaanaa qaban waan ta'een hunduumtuu deeggarsa barbaachisa taasisuu akka qaban himaniiru.

Qaxaan Amahaara bahaatti humna jiru qindeessuun milkaa'ina argame kana caalaatti akka cimuuf hojjechuun barbaachisaa ta'uus himaniiru.

Itti aanaan Biiroo Qonnaan naannoo Amahaaraa obbo Yiliqaan Shifarraawu akka himanitti naannichaatti biqiltuu bunaa ,Kuduraafi muduraa gosa adda addaa gammoojjiifi baddaatti ta'an miiliyoona 18 lafa heekatara kuma 19 irra dhaabuuf qophiin taasifamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015