Dhiibbaa gama dippilomaasiin nurra jiru damdamachuuf tokkummaa keessoo keenyaa jabeesuufi eeguun barbaachisaadha jedhame. - ENA Afaan Oromoo
Dhiibbaa gama dippilomaasiin nurra jiru damdamachuuf tokkummaa keessoo keenyaa jabeesuufi eeguun barbaachisaadha jedhame.
Caamsaa 9/2014(TOI) - Itti aanaa ministira muummeefi Ministirri dhimma alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin dhiibbaa gama dippilomaasiin nurra jiru damdamachuuf tokkummaa keessoo keenyaa jabeesuufi eeguun barbaachisaa akka ta'e hubachiisan.
Obbo Dammaqaan gabaasa raawwii hojii ji'a 9 minsteera dhimma alaa mana maree bakka bu'oota uummataaf dhiheessaniiru.Gabaasa kanaan akka eeraniitti dippiloomasii Itoophiyaarra kallattii gargaraan dhiibbaan gahaa jira.
Dhiibbaa kanas obsaafi ciminaa uummata Itoophiyaan, hirmannaa diyaaspooraa Itoophiyaafi michoota isheen damdamachuun danda'ameera jedhaniiru.
Hojii kanaafis uummata Itoophiyaa, diyaaspooraafi michoota Itoophiyaa galateeffataniiru.Ministeerichi faayidaan biyyaalessaa Itoophiyaa akka eegamuuf, birmadummaan biyyaa akka kabajamuuf, hariiroon alaa faayidaa waloo fi walqixxummaarratti hundaa’ee fi hojiileen maqaa gaarii biyyattii ijaaran hojjechuu gabaasa isaaniin eeraniiru.
Mirgi Itoophiyaanotaa fi dhalattoota Itoophiyaa biyya alaa jiraatanii akka eegamuuf hojiin dippiloomaasii lammiileerratti xiyyeeffate akkasumas hirmaannaa diyaaspooraa gama maraan cimsuurratti hojiilee baatiiwwan 9 darban hojjetaman irratti ibsa taasisaniiru.
Tokkummaa fi diinagdeen keenya hin cimu taanaan, nageenyi hin mirkanaa’uu baannaan hagamiyyuu tattaaffiin taasifamu haalonni keessoo keenyaa dippiloomaasiirratti dhiibbaa uumuun isaa waan hin hafnedha jedhaniiru.
Dhiibbaawwan hanga ta’e laafanis, bifa garaagaraan itti fufuu kaasuun, tokkummaa keessoo keenyaa eeguun nageenya mirkaneessuun cinaatti hariiroo alaa hubannoo uumuurratti bu’uureffate cimsanii itti fufuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.