Ejensichi Mallattoolee Sadarkaa Dhaabbattootaaf Kenne Sirriidhaan Itti Fayyadamuu Isaanii To'achuu Qaba

75

Finfinnee Ebla 08/2011 Ejensiin sadarkaalee Itiyoophiyaa mallattoolee dhaabaattootaaf kennu karra siriin itti fayyadamuu isaanii to'achuu akka qabu manni maree bakka bu'ootaa ummataa akeekachiise.

Mana maree bakka bu'oota ummataatti koreen dhaabbii Gabaafi Industirii raawwii hojii Ejensichaa kan ji'a 9 dhaggeeffateera.

Gaggeessaan koree dhaabbii kanaa obbo Geetaachoo Mallasaa akka jedhanitti mallattooleen oomishaa Itiyoophiyaaf kennamu oomisha sobaa oomishuufi eessattuu maxxansuuf kan saaxilamanii dha jedhan.

Mallattooleen oomishaa biyyattiif kennaman sirrii ta'uu isaanii Teekinooloojiin gargaaramuun adda baasuun rakkisaa akka ta'e kan himan gaggeesichi, Ejensichi garuu mallattooleen dhaabbattootaaf kenname karaa seera qabeessaa fi sirrii ta'een hojii irra ooluu isaanii hordofuun akka isa irra jiraatu himaniiru.

Gara fuula duraatti sadarkaan Ejensichi oomishaaleef kennu dubbisa Teekinooloojiin ummanni salphaatti akka adda baasan taasisuuf hojjatamuutu irra jiraata jedhan.

Ejensichis sadarkaalee adda baasee qopheessuu irratti hojii boonsaa hojjachuu isaa kan himan obbo Geetaachoon sadarkaaleen qophaa'an ammoo dafanii hojii irra akka oolaaniif hojii raggaasisuu hojjachuutu irraa eegama jechuun himaniiru.

Sadarkaalee dirqisiisoo jedhamuun kan adda ba'an 20 ammoo ummanni addatti akka beekuuuf gara sab quunnamtii ummataatiin hojiin beeksifamu hojjatamuu akka qabus ibsaniiru.

Kunis ummanni oomisha qulqullina isaa eeggatee fi tajaajila ariifataa akka argatu taasisuuf qofa osoo hin taane, oomisha nageenyi isaa eegame argachuu akka danda'an ni taasisa jedhaniiru.

Ejensii sadarkaalee Itiyoophiyaatti dayirektara kan ta'an obbo Indaalawuu Mokonnon gama isaaniittiin mana maree irraa yadda kennameef akka galteetti fayyadamuuf qophaa'uu isaanii himaniiru.

Dhaabbatichi leenjii, Iftummaa fi itti gaaffatamummaa, malamaltummaa fi amala, itti quufinsa ummataa, itti fayyadama dubartootaa, hojjattoota barumsaa fi leenjiin geesisuu fi sadarkaalee adda baasanii qopheessuu irratti karoorsee hojjachaa turuu isaanii ibsaniiru.

Kanaanis karoora isaa dhibbeentaa 88 hojjachuu himanii gara fuula duraattis sadarkaalee qohaa'anii jiran hojii irra akka oolaaniif human guutuun ni hojjana jedhaniiru.

Sadarkaalee 800 fi mallattoolee 240 hojii irra oolinsa isaanii hordofaa akka jiran himanii, sadarkaalee dirqisisoo 20 ammoo adda baasuun hojii cimaa hojjachaa irratti argamuu isaanii dubbataniiru.

Sadarkaalee dirqisiisoo ta'an karaa barreefama gaggabaabaa, Baazaarii fi Egzibiishinii irratti beeksisuuf hojjatama jiraachuu eeranii, karaa sab quunnamtii beeksisuuf ammoo hanqinni baajataa akka jiru beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015