Godina Walloo Kibbaatti hojiin misoomaa qabeenya umamaa carraa hojii uumaa jira.

138

Caamsaa 09/2014(TOI)- Godina Walloo Kibbaatti hojiin misoomaa qabeenya umamaa carraa hojii umuuf akka oolutti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu qajeelchi qonnaa godinichaa beeksise.

Jilli Ministira qonnaa Obbo Umar Huseeniin durfamuu godinichatti aanaa naannaawwa Daseetti hojii misoomaa sululaa bona kana Sulula Xabaseetti hojjetamee daawwachaa jira.

Hogganaan qajeelcha qonnaa godinichaa obbo Mahaammad Gaaloo yeroo kana akka dubbataniitti, godinichaatti sululawwaan 1300 lafa heektaara kuma 43 kan caaluurratti hojiin misooma eegumsaa biyyoofi bishaanii hojjetameera.

Hojii misoomaa kanarratti namoonni miiliyoona tokko ta'an kan hirmaatan yoo ta'u, qonnaan bultoonni faayidaa eegumsa biyyoofi bishaanii hubachuun kaka'umsa ofiisaan oyiruu qonnaa isaarratti hojii kana hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Akka isaan jedhaniitti sululaawwaan misoomaan 46 irratti dargaggoota 276'f carraa hojii uumuuf hojjetamaa kan jiru ta'uu himaniiru.

Haga ammaattis dargaggoota 285 dabarfamee kennameera jedhaniiru.Sululaawwaan misooman kanarra dhaabuuf biqiltuuwwaan kuduraafi muduraa dhaabaman kuma 680 qophaa'uus himaniiru.

Hogganaan Biiroo qonnaa naannoo Amahaaraa Obbo Qaalkidaan Shifarraawu akka himanitti hojii kununsaafi eegumsaa sululaawwaniin carraa hojii uumuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Hojii misooma sululaawwanii kanaaf seerrifi danbiiwwan ittiin bulmaataa bahaniifi kan jiran ta'uus himaniiru.

Haluma kanaan dargaggoonni irratti hirmaachuun bakkeewwan bishaan gahaan jirutti hojii kuduraafi muduraa irratti oomishuu akka hojjetan taasifamaa jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015