Invastaroota Hindii 650 Itoophiyaa keessaa 300 ol hojii jalqabaniiru.

56

Caamsaa 8/2014(TOI) - Invastaroota Hindii 650 Itoophiyaa keessaa 300 ol hojii jalqabuusaanii Itoophiyaatti ambaasaaddarri Hindii Shiriin Roobarti himan.

Ambaasaaddarichi guyyaa har'aa hoggansaafi hawaasa Yuunivarsiitii Samaraa akkasuma Barsiisoota Hindoota ta'an waliin mari'ataniiru.

Marii kanarratti akka himanitti walitti dhufeenya Hindii fi Itoophiyaa waggaa dheeraa lakkoofsisee caalaatti cimsuuf hojjetamaa jira.

Itoophiyaa keessaatti dureessoonni hindii hojii investimentiirratti bobba'aan namootaa kuma 75 oliin carraa hojii uumuu kan himan ambaasaaddarichi, hojii hawaasummaa,Aadaafi dinagdee keessaattis hirmaannaa cimaa taasisaa jiraachuu isaanii himaniiru.

Dameen misooma barnoota damee walitti dhufeenya cimaa biyyoota lamaanii akka ta'ees himaniiru.

Barnoota olaanaa baratoonni baratan hedduun Hindi akka jiran kan himan ambaasaaddarichi Hindi waggaatti baratoota 50 oliif carraa barnoota bilisaa akka kennitu himaniiru.

Barsiisoota lammii Hindii 80 Yuunivarsiitii Samaraa barsiisaan dabalatee lammiileen Hindii hedduun yuunivarsiitoota biyyaatti keessa hojii barsiisummaan tajaajilaa akka jiranis himaniiru.

Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Samaraa doktar Mahaammad Usimaan gama isaaniin akka jedhanitti, Hindii Itoophiyaatti hojii damee barnootaan deeggarsa ce'umsa beeksumsaa fi tekinolojii taasisa jirtiu.

Hojii misoomaa itti fufinsa qabuu keessattis gahee jabaa bahachaa jirachuus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015