Baankiin addunyaa Itoophiyaatti bakkewwaan waraanaan miidhaman deebisanii dhaabuuf kan ooluu deeggarsa birrii biiliyyoona 15.6 taasisuuf waliigaltee mallateesse.

Caamsaa 8/2014(TOI) - Baankiin addunyaa Itoophiyaatti bakkewwaan waraanaan miidhaman deebisanii dhaabuuf kan ooluu deeggarsa birrii biiliyyoona 15.6 taasisuuf Minsiteera Maallqaa waliin waliigaltee mallateesse.

Walliigaltichaas ministirri maallaqaa obbo Ahimad Shideefi Baankii Addunyaatti daareekatarri Itoophiyaa, Sudaan, Sudaan Kibbaafi Eritiriyaa Osmaan Dooneen malllattessaniiru.Waliigalteen kunis naannoo Amahaaraa, Affaar, Tigiraay, Oromiyaafi Beenishaangul gumuuz lammilee waraanaan miidhaman ariitiin deebisanii dhaabuuf kan oolu ta'u u himameera.

Deeggarsi kun aanaalee adda baafaanii filataman keessaatti bu'uuraalee misoomaa akka Fayyaa, barnootaafi bishaan dhugaatii deebisanii dhaabuufi dubartoota sarbaminni mirgaa sababaa saalaan irra gahee deeggaruuf kan ooludha jedhameera.

Minstirri maallaqaa akka yaadachiisetti mootummaan Federaalaa bakkeewwan sababa waraanaan miidhaman deebisee ijaaruuf bara kana keessa birrii biiliyoona 5 ramade yoo ta'u bara dhufuutti immoo birrii biiliyoona 20 ramaduu himaniiru.

Deeggarsi baankiin addunyaa taasise kun rakkoo jiru waliin baay'ee guddaa ta'uu baatuus sababa waraanaan bakkewwan miidhaman kana deebisanii ijaaruuf hojii hojjetamuu keessatti faayidaa guddaa qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015