'Rood maappiin' investimentii pirojeektii humna aduurra anniisaa maddisiisuu doolaara tiriliyoona tokkoon hojjetamu kan Itoophiyaafi biyyoota biroo fayyadamaa taasisu ifoomuuf jedhame.

87

Caamsaa 8/2014(TOI) - 'Rood maappiin' investimentii pirojeektii humna aduurra anniisaa maddisiisuu doolaara tiriliyoona tokkoon hojjetamu kan Itoophiyaafi biyyoota waldaa aduu addunyaa fayyadamaa taasisu ifoomuuf jedhame.

Gamtaa aannisaa humna aduu addunyaa '' Dhiheessii humna aannisaa itti fufnisa qabu hundaaf'' mata duree jedhuun foramiin hubanno dhiheessii humna annisaa aduurraa argamuu guddisu caamsaa 9 hanga 11/2014 tti Ruwaandaa magaalaa Kiigaaliitti akka geggeeffamu beeksiseera.

Akka gamtichi beeksisetti foramii kanarratti ajandaawaan investimentii damee kanaa guddisuu danda'anirratti ni mariyataamu jedheera.

Yaada kana kan cimsu waliigalteen gamtichaafi instiititiyutii qabeenyaa umamaa addunyaa waliin taasifamuu himameera.

Haala waliigaltee kanaanis Itoophiyaa dabalatee biyyoota miseensoota gamtaa annisaa humna aduu addunyaa fayyadama kan taasisuu Rood maappiin pirojetiin investimeentii humna annisaa aduu doolaara tirinoona tokkoon hojjetamu ni ifooma jedhameera.

Gamtaa annisaa humana adduu addunyaatti biyyoonni 86 mallatteessan miseensa kan ta'an yoo ta'u gamtichi hawaasnni biyyoota kanneenii annisaa humna aduurraa fayyadamaa akka ta'u ni hojjeta jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015