Damee Tajaajila geejjibaaf humna Namaa Ga’aa Horachuuf Sirni Barnootaa Akka Qophaa’u Eerame

64

Finfinnee Ebla 7/2011 Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti waajjiirri sagantaawwan geejjibaa sirna barnootaa geejjiba magaalaa qopheessuuf hojiiwwan  dandeessissan hojjetaa akka jiru beeksise.

Waajjirichi tajaajila sirna geejjibaa magaalichaa ammayyeessuu fi humna namaa ga’aa uumuuf dandeessisa kan jedhame sirna barnootaa qopheessuuf kan dandeessisu ``qophii qorannoo sirna barnootaa geejjiba magaalaa`` jedhu gaggeessuun qaama ilaallatu waliin marii taasisaa jira. 

Yunivarsiitii Finfinnee dabalatee bakka bu’oota Yunivarsiitota durii fi qaama ilaallatu waliin Ebla 7/2011 mariin adeemsifame tajaajila geejjibaa fi kanneen walqabatan barnoota sadarkaa digirii 1ffaa, 2ffaa fi 3ffaa kennuuf sirna barnootaa wixineessuuf  yaada argachuuf gargaara.

Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti hoji-gaggeessaan waajjira sagantaawwan geejjibaa injiinar Samaree Jilaaluu yeroo sanatti akka ibsanitti, gama geejjibaan hir’ina humna namaa salphisuuf leenjii kennuuf sirna barnootaa qopheessuun barbaachisaa ta’ee argameera.

Waajjirichi yaada marii Yunivarsiitotaa fi kanneen ilaallaturraa argate kana qaama ilaallatuuf akka dhiyeessu beekameera.

Waajjirri kun magaalichatti humna namaa ga’aa uumuu fi pirojektota haarawaa hojiirra oolchuun bara 2016 A.I sirna barnootaa gaajjiba magaalaa amanamaa, nageenyi isaa kan eegamee fi galii qusatu diriirsuuf hojjetaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015