Pireezidaanti Saahileewarq Zawudee dabalatee hoggantoonni biyyoota addaa haala waliingahiinsa talaalii COVID-19 Afrikaatti oomishamuurratti mari'atan. - ENA Afaan Oromoo
Pireezidaanti Saahileewarq Zawudee dabalatee hoggantoonni biyyoota addaa haala waliingahiinsa talaalii COVID-19 Afrikaatti oomishamuurratti mari'atan.
Caamsaa 8/2014(TOI) - Pireezidaanti Saahileewarq Zawudee dabalatee hoggantoonni biyyoota addaa haala waliingahiinsa talaalii COVID-19 Afrikaatti oomishamuurratti mari'atan.
Marii kana kan qopheesse Komishiinii gamtaa Afrikaa yoo ta'u, karaa Viidiyoo konfireensiin Pirezidaanit Saahilewarq Zawudee hirmaachuu ragaan Waajjira Pirezidaantiirra argamee ni muli'isa.
Marichis haala oomisha talaalli COVID-19 Afrikaatti oomishamu fi haala gabaa addunyaa keessaa ittiin galuun danda'u irratti kan xiyyeeffatedha jedhameera.
Marii kanarratti sababa waraanaa Yuukireenifi Ruusiyaattiin rakkoo midhaan nyaataa Afrikaatti dhufaa jiruuf furmaanni ardicharraa madde akka barbaadamu hoggantoonni marii kanarratti argaman himaniiru jedhameera.
Marii kanarratti biyyoonni hirmaatan Talaalii Covid- 19 oomishuuf kan dandeettii qabaniifi kan dandeetti kana ijaaruuf isaan barbaachisu qaban ta'uu kan himamee, Pirezidaantoonni Mana maree Faransaayifi Gamtaa Awurooppaa affeeramuun irratti hirmaataniiru.