Agarsiifnni Waldaalee hojii gamtaa naannoo Kibbaa marsaa 7ffaan magaalaa Hosaanaatti baname. - ENA Afaan Oromoo
Agarsiifnni Waldaalee hojii gamtaa naannoo Kibbaa marsaa 7ffaan magaalaa Hosaanaatti baname.

Caamsaa 8/2014(TOI) - Egzibishiniin(agarsiifnni)fi Baazariin Waldaalee hojii gamtaa sadarkaa naannoo Saboota, sablammootaafi uummatoota kibbaatti marsaa 7ffaaf qopha'ee mata duree ''Waldaalee hojii gamtaa tasgabbii gabaaf'' jedhuun magaalaa Hosaanaatti baname.
Sagantaan kun bakka itti aanaan komishiinii Waldaalee hojii gamtaa Itoophiyaa komishinaar Abaadii Muhaammad dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoo naannichaafi federaalaa argamaniitti banameera.
Kayyoon agarsiisa kanaas magaalaa Hosaanaatti waldaaleen hojii gamtaa naannichaa bakka adda addaarra walitti dhufaan bakka tokkotti oomishaa qonnaa gosa adda addaa agarsiisuufi jiraatoota magaalichaaf immoo gatii madaalawaan dhiheessuuf yaadameetu jedhameera.
Agarsiisa kanaan oomishaalee gabaan barbaaddu kana hawaasaaf gatii madaalawwaan dhiheessuun qaala'insa jireenyaa tasgabbeessuu keessatti gahee inni baheerraa muuxannoo fudhachuufi jedhameera.
Agarsiifinni kun guyyoota sadiif kan turu yoo ta'u, ciminaafi hanqinoota raawwii isaarratti mudatan irrattis ni mari'atama jedhameera.