Waltajjiin hariiroo ummataa ummataaf naannolee Amaaraa fi Beenishaangul Gumuz Magaalaa Injibaaraatti mari’atamaa jira.

90

Caamsaa 7/2014(TOI) - Waltajjiin hariiroo ummataa ummataaf naannolee Amaaraa fi Beenishaangul Gumuz Magaalaa Injibaaraatti mari’atamaa jira.

Waltajjiin hariiroo ummataa Naannoo Amaaraatti Bulchiinsa Sab-lammii Awwii fi Naannnoo Beenishaangul Gumuzitti Godina Matakkal Magaalaa Injibaaraatti mari’atamaa jira.

Waltajjiin marii kunis mata duree ‘walitti dhufeenya ummataa ummataaf’ jedhuun mari’atamaa kan jiru yoo ta’u, waltajjii kanarrattis Af'-Yaa'iin Mana Maree Naannoo Amaaraa Aadde Faantuu Tasfaayee fi Af'-Yaa'iin Ittaantuu Mana Maree Naannoo Beenishaangul Gumuz Aadde Alamneesh Yibaas argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015