Nageenyaa fi tasgabbii magaalichaa mirkaneessuuf hawaasni tumsa qaamolee nageenyaaf taasisuu cimsee itt fufuu qaba

56

Caamsaa 6/2014 (TOI) – Nageenyaa fi tasgabbii magaalaa Finfinnee mirkaneessuuf hawaasni tumsa qaamolee nageenyaaf taasisuu cimsee itt fufuu akka qabu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee waamicha dhiyeesseera.

Itti aanaan daayreektara komishinichaa Koomaandaar Maariqoos Taaddasaa akka himaniitti, baatiwwan salgan darbanitti Poolisiin hawaasa waliin ta’uun hojiiwwan nageenyaa addaa addaa hojjetaa tureera.

Keessayyuu alseerummaa ittisuu hawaasa waliin hojii raawwateen shira humnoota nageenyaa magaalichaa booressuuf tattaaffiin taasisaan fashala’eera.

Nageenyaa fi tasgabbii magaalichaa mirkaneessuuf hawaasni tumsa qaamolee nageenyaaf taasisuu cimsee itt fufuu qabaan dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015