Buqqaatiifi ajjeechaa lammileerra gahu dhaabsisuun nagaa waaraa biyyaatiitti fiduuf hojjetamaa jira.

Caamsaa 6/2014(TOI) - Fiinxaaleesummaafi waldhiibuu gama siyaasaan gochaawwan umamaan buqqaatiifi ajjeechaa lammilee dhaabsiisuun nagaan waaraa biyyaattiitti akka dhufuuf hojjetamaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa doktar Laggasaa Tulluu ibsa har'aa miidiyaaleef laataaniin akka himanitti Mootummaan nageenya lammilee mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachaa jira.

Keessattu sababa Fiinxaaleessuummaafi waldhibdee siyaasaan rakkoo buqqaatiifi ajjeechaa lammileerra gahuu furuun nageenyii waaraan akka dhufu taasifamaa jira jedhaniiru.

Haaluma kanaanis tarkaanfii mootummaan haga ammaatti fudhateen jijjiramoonni argamaa jiraachuu himaniiru.

Magaalaa Gondoritti sababa bakka lafa awwaalchaan walitti bi'insii umamee osoo caalaatti badii hin geesisiin ta'achuu danda'amu himaniiru.

Abbootii Amntaafi dargaggoota hirmaachisuun qabeenya samamee deebisiisuu, manneen amantaa miidhaan irra ga'e deebisanii ijaaruuf waliigalteerra gahamuu himaniiru.

Kanneen gochaa kana keessatti hirmaatanis seeratti dhiheessuun akka itti gaafatamaniif xiyyeeffannoon hojjetama jiras jedhaniiru.

Naannoo Somaaleefi Oromiyaatti miseensoonni garee shororkeessaa Alshabaabifi Shanees to'atamuu himaniiru.

Shakkamtoota to'ataman kana harkattis manneen amantaa keessaa dabalatee meeshaaleen waraanaa argamaniiru jedhaniiru.

Naannoon Amahaaraa nagaa waaraa akka hin arganne, uummanni Amahaaraa nagaan oolee akka hin bullee ta'e jedhanii qaamolee hojjechaa jiran irrattis tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu himaniiru.

Mootummaan naannichaas birmadummaa biyyaa kabachiisuu keessaatti kanneen gahee isaanii bahaniif beekamtii lachuunis kan isaa galateeffachiisudha jedhaniiru.

Naannoo Oromiyaattis garee shororkeessaa Shanee irratti tarkaanfiin hawaasaa hirmaachisefi Komaadoo addaan kan deeggarsamee oppireeshiniin geggeeffama jiraachuu doktar Laggasaa Tulluu himaniiru.

Oppireeshinii kanaanis hoggantoota fi miseensoota garichaa barbadeessuun danda'ameera jedhaniiru.

Gama biraan Mootummaan lammilee naannoo Tigiraayif deeggarsa namoomaa barbaachisu karaa konkolataa fe'umsaafi xiyyaaraa dhiheessaa jiraachuu himaniiru.

Torban darbee konkolaatoonni deeggarsa namoomaa fe'an 165 Maqalee galuus himaniiru.

Ta’us gareen shororkeessaa ABUT deeggarsi namoomaa akka hin qaqqabnee gufuu ta’a jiraachuu Dooktar Laggasaan himaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT ammas naannolee Amaaraa fi Affaar weeraruun qabatee gadi lakkisee akka hin baanees himaniiru.

Dooktar Laggasaa Tulluun akka himaniitti gareen shororkeessaa ABUT hawaasa idil addunyaa burjajeessuuf iddoowwan weeraraan qabate gadi lakkisee akka ba’ee odeessuus ammallee naannoo Amaaraa iddoowwan weerare Adi’aarqaay, Tsalamt, Abaargaalee fi kanneen biroo akkasumas naannoo Affaar aanaalee Baarihaallee, Koonovaa, Aba’aalaa, Magaaleetii hin baanee jedhaniiru.

Deeggarsa namoomaa fi haala kutaa kaabaa Ityoophiyaa ilaalchisee ibsa laataniin, mootummaan naannoo Tigraayiitti lammiilee rakkoo keessa jiran baraaruuf jecha murtoo dhukaasa dhaabuu hordofee deeggarsa namooma qaqqabsiisuu cimsee itti fufeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015