Aanaa Fantaalleetti pirojektiin namoota kuma 40 fayyadamoo taasisu hojiirra oolaa jira.

56

Caamsaa 05/2014(TOI) - Godina Shawaa Bahaa aanaa Fantaalleetti hojilee misooma jallisii dabalatee, pirojektiin naannawwaa gammoojji aanichaatti namoota kuma 40 fayyadamoo taasisu hojiirra oolaa jira jedhame.

Jilli Puntilaand irraa dhufe aanaa Fantaalleetti argamuun pirokektii fooyya’insa jireenya hawaasaa bakkeewwan gammoojjiitti hojjetamaa jiru kana daawwateera.

Aanichatti hojiilee hojjetamanii fi bu’aawwan argaman irratti jilichaaf ibsi kennameera.

Pirojektii naannawwaa gammoojiitti Qindeessaan Kilaastara Shawaa Bahaa fi Harargee Lixaa obbo Warquu Gaddisaa akka himanitti, aanaalee sadii keessatti ijaarsi manneen barnootaa, giddugala yaala beelladaa fi dhaabbileen fayyaa ijaaramaa jiraachuu himaniiru.

Bakkeewwan qabeenyi uumama irraa manca'e deebisanii misoomsuufi hojii misooma jallisii irraatti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Naannawwichatti hojii dhaabbileen Faayinaanis akka babbali'ataniif hojjetameen waldaleen liqaafi qosannoo akka ciman taasifameera.

Keessattu hojii misooma jallisii dabalatee carraa hojii uumuun hojiin milkaa'aa hojjetamuu himuun pirojetonni naannawwichatti hojjetamaa jiran kan namoota kuma 40 fayyadamoo taasisu ta'uu himaniiru.

Oromiyaatti daarektarri qorannoo jireenya horsiisee bulaa Biiroo Horsiise bulaafi Jallisii obbo Katamaa Urgee akka himanitti naannichi rakkoo hongeen dhufu damdamachuuf waantota dandeesisaan hedduu hojjechaa jira.

Naannichatti yeroo ammaa lafa heektara 217 irratti nyaanni beelladaa dafanii gahan misoomsaamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015