Gaazexeessaa Toom Gaardineer irraa heeyyamni Itoophiyaatti akka hojjetuuf laataameef irraa fudhatame.

60

Caamsaa 5/2014(TOI) - Gaazexeessaa Toom Gaardineer irraa heeyyamni Itoophiyaatti akka hojjetuuf laataameef irraa fudhatamu Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa beeksise.

Abbaan Taayiticha akka beeksiseetti gaazexeesichi dirqama naamusa gaazexeessummaafi seera biyyatti kabajee hojjechuuf qabu kabajuu hin dandeenye.

Gaazexeesichi akka gochaa kanaa dhiisu yeroo adda addaa mariin waliin taasifamus badii isaarraa deebi'uu akka hin dandeenye Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa beeksiseera.

Gaazexeessaan kun kana booda heeyyamni isaa waan irraa fuudhatameef Itoophiyaa keessatti hojjechuu waan hin dandeenyeef Barruleen inni hojjetuuf 'Ze Ikonomikis' bakka isaa gaazexeessaa bilisaafi loogii hin goone bakka buufachuu akka danda'u beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015