Naannoon Gambeellaa baatiiwwan 10 darbanitti Warqee kiiloo giraama kuma 1 fi 151 Baankii Biyyaalessaatti galii taasise.

66

Caamsaa 5/2014 (TOI) – Naannoon Gaambeellaa baatiiwwan 10 darbanitti Warqee kiiloo giraama kuma 1 fi 151 Baankii Biyyaalessaatti galii taasisuu Ejensiin Misooma Albuudaa fi Inarjii naannichaa beeksise.

Ejensichi raawwii karoora baatiiwwan 10 darbanii bakka Pireezdaantiin naaanichaa obbo Umad Ujuluu fi hoggantoonni olaanoon naanichaa argamanitti gamaaggameera.

Naannichatti warqee kiiloo giraama kuma 1 fi 330 Baankii Biyyaalessaatti galii taasisuuf karoorfatamee, warqee kiiloo giraama kuma 1 fi 151 ol galii taasisuu danda'uu ibsameera.

Warqeen baatiiwwan kurnan darbanitti argaman kan bara darbee yeroo walfakkaatuun walbira qabamee yoo ilaalamu kiiloo giraama 211 caalmaa kan qabu ta’uu eerameera.

Oomisha warqee Baankii Biyyaalessaatti galii ta’erraa sharafni alaa Doolaarri miiliyoonni 54 fi kumni dhibbi 4 ni argamaan kan eegamu ta’uu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015