Doktar Abiyyi Ahimad Warshaa Biqilaa Suufilee Maaltii Yuuroo Miliyoona 60 ijaaramee eebbisiisan.

57

Caamsaa 05/2014(TOI) - Ministiirri Muummee Itoophiyaa doktar Abiyyi Ahimad Warshaa Biqilaa Suufilee Maaltii Yuuroo Miliyoona 60 ijaaramee eebbisiisan.

Warshichi waggaatti biqila toonii kuma 60 dandeettii oomishuu akka qabu odeeffannoon Korporeeshinii Paarkota Indaastirii irra argame ni mul’isa.

Gareen Qonna irratti hojjetuufi Inviivoo Guruup jedhamu kaampaaniin Firaansi kun addunyaa irratti warshaa oomisha qonnaa qindeessu 38 akka qabu himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015