''Gamtaan Awurooppaa, Itoophiyaa waliin hariiroo tarsiimawaa damee siyaasaan qabuu caalaatti cimsuuf ni hojjeta''

65

Caamsa 3/2014(TOI) - Gamtaan Awurooppaa, Itoophiyaa waliin hariiroo tarsiimawaa damee siyaasaan qabuu caalaatti cimsuuf akka hojjetu, Itoophiyaatti bakka bu’aan Gamtaa Awurooppaa Ambaasaaddar Roolaand Koobiiyyaa beeksisan.

Gamtichi Itoophiyaa waliin hariiroo diploomaasii qabuu caalaatti cimsuuf hojiilee garagaraa hojjechaa jira jedhan.

Keessattuu Itoophiyaan nageenyaafi tasgabbii Baha Afriikaa keessatti mirkaneessuuf gumaachaa taasisaa jirtu hordoofee gamachi hariiroo isa caalaatti cimsuuf hojjechaa jira jedhan.

Kana hordoofee Gamtaan Awurooppa Mootummaa Itoophiyaa waliin michuumaa hariiroo tarsiimawaa hundeessuuf akka lakkoofsa faranjootatti bara 2016 waliigaltee mallatteessuun ni yaadatama.

Waliigaltiichiis dhimmoota rakkoo naannawaafi Addunyaa waliin hiikuufi hariiroo tarsiimawaa jiru caalaatti cimsuuf kan kayyeeffate ta’u ibsun, gamtichis waliigaltee akkasii biyyoota addunyaarra biyyoota xiqqoo walin taasifamu himani, kana keessa tokko Itoophiyaadhas jedhaniiru.

Kunis Gamtichi Itoophiyaan Gaanfa Afriikaafi Afriikaa guutummaatti gumaachaa gama siyaasaan taasisaa jirtu gidduugala taasisuunis jedhaniiru.

Kanaanis Gamtichis Awurooppa Ityoophiyaa waliin hariiroo tarsiimowaa damee siyaasaan qabuu caalaatti cimsuuf fedha qabaachuu isa himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015