Magaalaa Shaashamanneefi naannawwaa isheetti talaaliin ittisa Koleeraa kennamuu jalqabe.

66

Caamsaa 3/2014(TOI) - Magaalaa Shaashamanneefi naannawwaa isheetti talaaliin ittisa Koleeraa kennamuu jalqabame.

Talaaliin ittisa Koleeraa kun kan marsaa jalqabaa har'a irraa jalqabee hanga caamsaa 7/2014 kan kennamu yoo ta'u marsaa lammaffaan immoo caamsaa 19 hanga 23/2014 kan kennamuu ta'uun himameera.

Taalaalii kanaas Instiitiyutii qorannoo Armawaar Hansaan, Birroo Fayyaa Oromiyaafi Instiitiyutii Fayyaa hawaasaa Itoophiyaafi qaamolee birootu waliin ta'ee kennaa jira.

Itti gaafatamaan waajjira fayyaa magaalaa Shaashamannee obbo Tashoomaa Mahaammad akka himanitti magaalichaafi naannawwaa isheetti lammilee kuma 100 ta'aniif talaaliin kun ni laatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015