Bahaar Daaritti sirni qaamolee olaantummaa seeraa kabachiisurratti hirmaataniif sagantaan beekkamtii kennuu geggeeffama jira.

63

Caamsaa 03/2014(TOI) - Bahaar Daaritti sagantaan qaamolee olaantummaa seeraa kabachiisurratti hirmaataniif beekkamtiifi badhaasa kennuu geggeeffama jira.

Sagantaa kana irratti itti aanaa Ministira muummee fi ministira dhimma alaa obbo Dammaqaa Mokonniin, Af-yaa'ii mana maree federeeshinii obbo Aganyoowu Tashaagar, Pireezidaantoonni naannoleefi hoggantoonni olaanoo mootummaa biroon argamaniiru.

Sagantaan kun mootummaa naannoo Amahaaraan kan qophaa'e yoo ta'u qaamolee olaantummaa seeraa kabachiisuufi birmadummaa biyyaa kabachiisuurratti hirmaataniif beekamtiifi badhaasni ni laatama jedhamee eeggama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015