Ambaasaaddar Reedwaan Huseen Itoophiyaatti hoggantoota hojii dhaabbata Yuuniiliivar waliin mari’atan

52

Caamsaa 2/2014 (TOI) – Deetaan Ministira Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen Itoophiyaatti hoggantoota hojii dhaabbata Yuuniiliivar waliin mari’ataniiru.

Dhaabbanni Yuuniiliivar biyyoota addunyaa hedduu keessatti meeshaalee qulqullinaa fi nyaataa oomishuun beekama.

Waggoottan torbaan darbaniitti dhaabbatichi Itoophiyaatti hojii eegaluu hoggantoonni kunneen ibsaniiru.

Dhaabbatichi yeroo amma kana lammiilee kuma 7 oliif carraa hojii uumuu fi yeroo itti aanuutti hojii eegale babaldhisuuf karoora akka qabu marichaan kaasaniiru.

Meeshaalee dheedhii biyya keessatti argaman baldhinaan fayyadamuun oomishasaanii gabaa biyya keessaaf qofa osoo hin taanee gabaa alaaf erguuf Afrikaarraa Itoophiyaa filannoo jalqabaa taasifachuu Afrikaatti Preezdaantiin dhaabbatichaa Jeem Aguuylaar himaniiru.

Ambaasaaddar Reedwaan gama isaaniin, rakkoon nageenyaa, vaayrasii koroonaa fi kanneen biroon yeroof ta’uu ibsuun, dhaabbatichi hojii invastimantii biyyatti keessatti raawwataa jiru cimsee akka irri fufuu himuu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015