Misoomni Itarpiraazootaa carraa hojii uumuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf kanneen hojii kanarratti bobba'an cimanii hojjechuu qabu.

304

Caamasaa 2/2014(TOI) - Misoomni Intarpiraazootaa xixiqqaafi jiddugaleessaa guddina dinagdeefi carraa hojii uumuu keessaatti gaheen isaan qaban guddaa waan ta'eef kanneen hojii kana raawwachiisaan cimannaan hojjechuu qabu jedhame.

Baankiin Misooma Itoophiyaa naannoo Gambeellaa magaalaa Gambeellaatti kanneen hojii Itarpiraazii xixiqqaafi jiddugaleessaarratti bobba'an 400 oliif leenjii ijaarsa dandeetti kennaa jira.

Itti aanaan Pirezidaantii naannoo Gambeellaa obbo Tenkuweey Jook akka leenjii kanarratti himanitti, naannoon gambeellaa lafa bal'aa, bishaan, albuudaafi qabeenya umamaa kanneen biroo gahaa qabatuus uummanni haga ammaatti haalaa barbaadamuun itti fayyadamuu hin dandeenye.

Qabenya kana gara misoomaatti jijjiruun guddina naannichaa ariifachiisuufi uummatas fayyadamaa taasisuuf hojii hojjetamaa jiruuf hunduu deeggarsa gochuu akka qabu himaniiru.

Intarpiraaziin xixiqqaafi jiddugaleessaa akka biyyaatti guddina dinagdeefi fayidaa inni qabu guddaa ta'uun cinaatti carraa hojii baay'ee uumuu keessattif fayidaa guddaa waan qabuuf kanneen damee kana sochoosaan ciminaan hojjechuu akka qaban eeraniiru.

Leenjiin Baankiin misooma Itoophiyaa kennaa jiru kun damee kanaan namoota beekumsa gahaa fi itti fayyadama tekinolojiirratti gahumsa qaban uumuun omishaa qulqullina fi baay'ina qabu oomishuu danda'aam uumuu keessatti gahee olaanaa qabas jedhaniiru.

Pirezidaantiin Baankii Misooma Itoophiyaa doktar Yohaannis Ayyaloo karaa viidiyoo konfireensii ergaa dabarsaniin baankichi karoora misooma mootummaa milka'aa taasisuuf hojjechaa jira.

Baankichi dureesotaa hojii invesimeentii hojetaaniif liiziifi piroojetiin deeggarsa gama maallaqaan taasisuu cinaatti damichii akka caalaatti cimuuf leenjii ijarsaa dandeetti kennaa jiraachuu himaniiru.

Leenjiin magaalaa Gambeellaatti kennaama jiruu kunsi qamaa hojii kanaa ta'uu himaniiru.

Deeggarsa baankii addunyarraa argameen Gambeellaa dabalatee sadarkaa biyyaatti magaaloota 20 jiddugalawwaan leenjii 35 kanneen intarpiraayizootaa xixiqqaafi jiddugaleessaa sochoosaan kuma 34 leenjiin kennama jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015