"Goota jechuun haqaa fi amanamummaan biyyaaf gatii kaffaluudha"

105

Ebla 27/2014 (TOI) – Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahmad Goota jechuun haqaa fi amanamummaan dhimma biyyaaf gatii kaffaluudha jedhan.

Doktar Abiy Ahimad guyyaa gootoota Itoophiyaa waggaa 81ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Abbootii fi haadhaloon durii gootummaan bilisummaa fi birmadummaa biyya isaaniif wareegama lubbuu kaffaluu isaanii eeraniiru.

Nutis akkuma gootoota durii kabaja, badhaadhinaa fi birmadummaa biyya keenyaaf gatii kaffaluun ilmaan gootaa ta'uu keenya mirkaneessuu qabna jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015