Gamtaan Awurooppaa Itoophiyaatti maree biyyaalessaa gaggeessuun nageenya waaraa buusuuf tattaaffii taasiifamu kan deeggaru ta'uu beeksiise

52

Ebla 26/2014 (TOI) –Gamtaan Awurooppaa Itoophiyaatti maree biyyaalessaa gaggeessuun nageenya waaraa buusuuf tattaaffii taasiifamu kan deeggaru ta'uu beeksiseera.

Itoophiyaatti Biiroon Gamtaa Awurooppaa guyyaa Awurooppaa akka lakkoofsa bara Faranjootaatti waggaa waggaan Caamsaa 9 kabajamu ilaalchisee ibsa laateera.

Kabajni guyyaa kanaa hundeeffama Gamtaa Awurooppaa waggoottan 72 lakkoofsiise yaada keessa galchuun kabajama jedhame.

Sagantichi yaadoota hariiroo gamtichi Ityoophiyaa fi Gamtaa Afrikaa waliin qaban ibsaniin kabajama jedhameera.

Gamtichi Itoophiyaa waliin hariiroo tarsiimowaa cimaa qabaachuu Itoophiyaatti bakka ba'uun Gamtaa Awurooppaa Ambaasaaddar Roolaand Koobiiyyaa ibsaniiru.

Gamtaan Awurooppaa Itoophiyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuuf murannoo qabaachuu eeraniiru.

Gamtichi tattaaffii nageenya waaraa mirkaneessuuf taasiifamu kan deeggaru ta'uu himaniiru.

Milkaa'ina maree biyyaalessaaf deeggarsa barbaachisu taasiisuuf murannoo qabaachuu dubbataniiru.

Gamtaa Afrikaatti dhimma raawwachiisaan Gamtaa Awurooppaa Paatiriik Duuppaant gama isaaniin,Gamtaan Awurooppaa Afrikaatti nageenyi waaraan akka bu'u tumsa barbaachisu kan taasiisu ta'uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015