Dooktar Liyaan hojiilee Raammoo Giinii balleessuuf hojjetamaa jiru daawwachuuf Gaambeellaa galan

70

Ebila 26/2014 (TOI) – Ministirri Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan hojiilee dhibee Raammoo Giinii balleessuuf hojjetamaa jiru daawwachuuf Gaambeellaa galaniiru.

Dooktar Liyaan wayita buufata xiyyaaraa Gaambeellaa ga’an hoggantoota mootummaa naannichaan simatamaniiru.Aanaalee dhibeen Raammoo Giinii irra deddeebiin itti muul’atu aanaa Googii fi Abboobboo ni daawwatu jedhame.

Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa dhibee Raammoo Giinii Itoophiyaa balleessuuf dhaabbilee deeggartootaa waliin hojjechaa jiraachuu ibseera.

Daawwannaa kanarratti Dooktar Liyaa dabalatee hoggantoonni mootummaa federaalaa fi dhaabbilee deeggartootaa argamuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni muul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015