Walitti dhufeenya dippilomaasii Itoophiyaafi Ameerikaa akka fooyya'uuf ni hojjetama.

60

Ebla 24/2014(TOI) - Ameerikaatti ergamaan addaa FDRI fi dhiheenya Ameerikaatti ambaasaaddara guutuu ta'uun kan muudaman ambaasaaddar doktar injineer Silashii Baqqalaa walitti dhufeenyi dippilomaasii biyyoota lamaanii caalaatti akka cimuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uu himan.

Ambaasaaddarichi kan kan himan Waashingiteen diisiitti kan argamuu Imbaasii Itoophiyaatti dippilomaatonnifi hojjetoota waliin yeroo wal baranidha jedhameera.

Doktar Silashiin ergaa sirna kanarratti dabarsaniin xiyyeeffannoon guddaan wahiillawwan misiyoonaa kan ta'uu qabu walitti dhufeenya dippilomaasii biyyoota lamaanii kan waggoota hedduuf ture caalaatti cimsuuf tattaaffii hunda galeessa ta'ee gochuudha jedhaniiru.

Qindoomina hirmaannaa hawaasa diyaaspooraa, Walitti dhufeenya uummataa, Ce'umsa tekinolojii, daldalafi Investimentii, ijarsa maqaa gaarii,turizimiifi dameewwan kanneen biroo irratti jiru cimsuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Wahilawwaan misiyoonaa imbaasichaas walitti dhufeenya dippilomaasii biyyoota lamaanii waggoota hedduuf ture caalaatti cimsuuf kan kanaan duraa caalaa cimanii akka hojjetaan dubbachuu isaanii ragaan imbaasicharra argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015