Ambaasaaddar Taayyeen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Ergamtuu Addaa Gaanfa Afrikaa waliin mari’atan

Ebla 26/2014 (TOI) – Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti ergamaan Addaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Ergamtuu Addaa Gaanfa Afrikaa Haannaa Saariwaa Teetee waliin mari’achuu ibsameera.

Marii isaaniin, dhimmoota waqtaawaa siyaasa naannawaa akkasumas Itoophiyaatti deeggarsi namoomaa akka ariifatuuf murtoo dhukaasa dhaabuurratti mari’ataniiru.

Naannawichattis rakkoolee nageenyaa daangaa ce’anii fi dhimmoota walfakkaatarratti mari’achuusaanii ragaan waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015