"Itoophiyaa gara nageenya waaraatti fiduuf hirmaannaan lammiilee hundaa barbaachisaadha" - ENA Afaan Oromoo
"Itoophiyaa gara nageenya waaraatti fiduuf hirmaannaan lammiilee hundaa barbaachisaadha"
Ebla 25/2014(TOI) -Itoophiyaa gara nageenya waaraatti fiduuf hirmaannaan lammiilee hundaa bay'ee barbaachisaa ta'uu Tataajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiseera.
Itoophiyaan torban darbe ayyaanotaa fi taateewwan amantaalee fi aadaa hedduu keessummeessuu tajaajilichi eereera.
Gocha badii magaalaa Goondaritti uumame hordofee yakkoota naamuusa Itoophiyaan hin muli'isnee bakkeewwan tokko tokkotti raawwataman irraan kan hafe, Ayyaanonni kunneen guutuu biyyattiitti haala ho’aa ta’een kabajamuun ibseera.
Ayyaanoonni kunneen Itoophiyaanonni duudhaa waloo yeroo rakkoo daraan cimaa tahe qabaachuu kan itti mul’isanii fi maqaa gaarii biyyattii itti guddisuu danda’an ta’uus eereera.
Yakkamtoonni Ayyaanonni kunneen badii akka keessummeessan, hariiroo cimaan Itoophiyaanota gidduu jiru akka addaan cituu fi badii hedduu qaqqabsiisuuf karoorfatanii turan.
Itoophiyaanota Karoora yakkamtoota kanneenii fashaleessanii fi qaamolee nageenyaa itti gaafatamummaa Ummanni itti kenne qindoominaan hanga wareegama lubbuu kaffaluun bahatan galateeffateera.
Hokkoraa fi yakkoota tibbana amantaa dahoo godhachuun bakkeewwan garaagaraatti raawwatan irratti hirmaachuun namoonni shakkaman poolisii federaalaa,qaamolee nageenyaa naannoo fi bulchiinsa magaalaan to’annaa jala oolaa jirus jedhame.
Shakkamtoonni murtoo seeraas ni argatu jedhame.
Qaamolee nagaan jiraachuu lammiileerratti yaaddoo uumanii fi birmadummaa biyyaarratti balaa aggaaman irratti Mootummaan tarkaanfii fudhachuu eegale cimsee kan itti fufu ta’uus yaadachiiseera.
Ummanni yakkamtoota dabarsee kennuunii fi qaamolee nageenyaa waliin ta’uun hirmaannaa argisiise cimsee akka itti fufu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa gaafateera.