Waajjirri Ministira Muummee muduraalee mooraasaa keessatti oomishe harka qalleeyyiif gumaache.

90

Ebla 25/2014(TOI) - Waajjirri Ministira Muummee muduraalee mooraasaa keessatti oomishe harka qalleeyyiif gumaache.

Sagantaa kanarratti meeshaalee iddoo xiqqoorratti kuduraalee fi fuduraalee oomishuuf tajaajilan hawaasichaaf kenneera.

Deetaan Ministira Waajjira Ministira Muummee Aadde Alamtsahaay Phaawuloos, Kuduraalee mooraa Waajjira Ministira Muummee keessatti misoomaa jiran daawwachiisuun, bakka xiqqoo fi mooraa dhiphaa keessatti kuduraalee akka qoosxaa, salaaxaa fi raafuu oomishuun akka danda’amu kutaalee hawaasaa kanneeniif muuxannoo qooduu isaanii ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015