Haleellaan Saayibarii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaafi dhaabbilee faayinaansii irratti aggaamamee fashalaa’uun himame.

82

Ebla 25/2014(TOI) - Haleellaan Saayibarii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaafi dhaabbilee faayinaansii irratti aggaamamee fashalaa’uusaa Ejensiin Tajaajila Nageenya Odeeffannoo beeksise.

Daarektarri Olaanaa Ejensii Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Doktar Shumatee Gizawu akka jedhanitti, qaamoleen humnoota keessaafi alaa waantoota gaarii arguu hin barbaadne deeggaran Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa irraatti bifa qindaaheen waraana saayibarii bananii turaniiru jedhan.

Haleellawwan kunniin miidhaa wayituu osoo hin dhaqqabsiifne qolachuun danda’amera jedhan.

Haaluma walfakkatun dhaabbilee faayinaansii gurguddaa Itoophiyaa irratti haleellaan saayibarii aggaamame deeggarsa ogeeyyiin fashalaa’eera jedhan.

Dhaabbanni biyyoota nagaafi guddina Itoophiyaa hin barbaadne deeggaran ijaarsaa hidha haaromsa gufachiisuuf “Bilaak Piraamiid” jedhame waamamuun waraana saayibarii bananiiru.

Keessaattu dhaabbilee faayinaansi itti fayyadamaniifi Kompitaroota kuma 37 waliin walii isaaniitti hidhaman irraatti haleellaa saayibarii raawwachuun hidha haaromsaa gufachiisuuf yaalaniiru.

Haleellawwan kanneen hordoffi cimaa Ejensiin Tajaajila Nageenya Odeeffannoo taasiseen miidhaan tokkoo osoo hin dhaqqabiin qolachuu danda’un isaanii himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015