Ayyaanni Iid Al-faxiir waggaa 1443ffaa magaalaa Roobee, Shaashamannee fi Cirootti kabajamaa jira

122

Ebla 24/2014 (TOI) – Ayyaanni Iid Al-faxiir waggaa 1443ffaa magaalaa Roobee, Shaashamannee fi Cirootti haala duudhaa amantii Islaamaa eegeen sagantaalee garaagaraan kabajamaa jira.

Duudhaa ji'a Ramadaanatiin jaalala, tokkummaa fi obbolummaa argame itti fufsiisaa nageenya keenyas eeggachuu qabna jedhan jiraattonni magaala Shaashamanne.

Ayyaannichi magaala Shaashamannee dabalatee, Aanaalee naannawa magaalarraa Istaadiyeemii guddicha Shaashamannetti haala hoo'aa ta'een kabajamaa jira.

Ayyaanni Iid Alfaxiir waggaa 1443ffaan Godina Harargee Lixaa Bulchiinsa Magaalaa Ciroottis bakka hordoftoonni Amantichaa argamanitti kabajamaa jira.

Akkasumas Ayyaanni Iid Alfaxiir waggaan 1443ffaan Magaalaa Roobee Istaadiyeemii Madda Walaabuutti bakka hordoftoonni amantichaa, hoggantoonni mootummaa fi abbootiin amantaa argamanitti haala hoo'aa ta'een kabajamaa jiraachuu OBN gabaasera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015