Hawaasni Musiliimaa wal jaalachuufi tokkummaa qabaachuu qaba.

190

Ebla 24/2014(TOI) - Ayyaanni Iid Al-faxiir 1443ffaan Istaadiyeemii Finfinneetti bakka hordoftoonnii Amantaa Islaamaa argamanitti kabajamee jira.

Sirna kabaja ayyaana kanaarratti haasaa kan taasisaan Pirezidaantiin Mana maree waliigala dhimmoota Islaamaa Muftii Hajii Umar Idiriis hawaasni Musiliimaa wal jaalachuufi tokkummaa qabaachuu akka qabu dhaamaniiru.

Tokkummaa, nageenyi, misoomniifi guddinni Itoophiyaanoota hundaaf barbaachisa ta'ee hubachiisaniiru.

Tokkummaan gochaan agarsiifamuu waan danda'u waan ta'eef hunduu tokkummaaf gaheesaa bahuu qaba jedhaniiru.

Deeggarsaafi xiyyeeffannoo Mootummaan hawaasa Musiliimaaf kennee jiruufis galateeffataniiru.

Lammilee nagaan qe'ee isaaniirra buqqa'uu hin qaban, lammilee nagaan ajjeefamuufi dararamuun dhaabbachuu akka qabuus ergaa dabarsaniiru.

Pirezidaantiin mana maree dhimmoota Islaamaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Sheh Sulxaan Amaan Ebaa gama isaaniin sirna kanarratti haasaa taasisaniin Ramadaana bara kanaa sagantaa 'Iid hanga Iid'n lammilee gara biyyaa dhufan walii kabajaa turre jedhaniiru.

Rakkoo jidduu kana mudatee keessaa kanneen harka qaban mootummaan seeratti dhiheessuu akka qabus hubachiisaniiru.

Waldhabdeen biyyaatti keessa jiruus karaa nagaa akka furamuu akka qabu dhaamaniiru.

Kabaja ayyaana Iid Al-faxir kan Istaadiyeemii magaalaa Finfinneetti kabajame kanaratti hordooftoonni amantichaa, abbootiin amantaa,hoggantoonni mana hojii mootummaa, keessummoonni biyyoota ollaarraa dhufan,Diyaaspooraawwan, miseensonni bakka buutota dippilomaasii hawaasaafi kanneen biroon argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015