"Hawaasni Musiliimaa ayyaanni Iidaal Faxiir karaa nagaan akka kabajamuuf gaheesaa bahuu qaba"

84

Ebla 22/2014(TOI) - Manni maree waliigala dhimmoota Islaamaa magaalaa Finfinnee hawaasni Musiliimaa ayyaanni Iidaal Faxiir karaa nagaan akka kabajamuuf gaheesaa bahuu akka qabu waamicha taasise.

Manni marichaa ayyaana Iidaal Faxiir kan bara 1443 kabajamu ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa laatera.

Pirezidaantiin mana marichaa She Sulxaan Amaan ibsa kanarratti akka himanitti hawaasni musiliimaa yeroo ayyaana kana kabajuu harka qalleeyyii deeggaruun ta'uu qaba.

Hawaasni Musiliimaa ayyaanni Iidaal Faxiir karaa nagaan akka kabajamuuf gaheesaa bahuu akka qabu hubachiisuun, sochii sirna ayyaanicha jeequ kamiyyuu yoo argaan qaamolee nageenyaaf eeruu kennuu akka qabanis gaafataniiru.

Itti aanaan mana mariichaa Sheh Alii Mahaammad gama isaaniin hawaasni musiliimaa walii yaaduu ji'a Ramadaanaa keessa agarsiise ayyaana kanarrattis agarsiisuu qaba jedhaniiru.

Jiraatoonni magaalaa Finfinnees ayyaanichi karaa nagaan kabajamee akka darbuuf gaheesaanii akka bahan gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015