Ameerikaan Itoophiyaatti nagaan waaraa akka dhufuufi lammilee walitti bu'insaan miidhaman gargaaruuf kutannoo qabdi - Antoonii Biliinkeen

72

Ebla 22/2014(TOI) - Ministirri dhimma alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkeen karaa biiroo isaanii Itoophiyaatti hojiiwwan walitti bu'insaa dhaabuuf hojjetamaa jiru ilaalchisuun ibsa baasaniiru.

Ibsichi gareen shororkeessaa ABUT bakkeewwan weeraraan qabatee turetti akkasumas walitti bu'insa bakkeewwan birootti ta'een lammileen hedduun miidhamuu eeruun, rakkoo kan furuuf hojii mootummaan Federaalaafi naannolee hojjetaan dinqisiifateera.

Naannoo Affaariifi Tigiraayitti lammilee rakkoof saaxilaman deeggarsi namoomaa akka qabu gochuun hojii mootummaan hojjetes kan dinqisiifatan Biliinkeen, Pireezidaant Jo Baaydeenis lammilee sababa walitti bu'insaan rakkoof saaxilaman kanneeniif deeggarsi namoomaa walirraa hin cinnee akka barbaachisu himaniiru.

Ameerikaanis adeemsa kana keessatti deeggarsa barbaachisu kan taasistu ta'uu ibsi biiroo dhimma alaa biyyattirra argamee ni muli'isa.

Ibsichi Gama biroon nagaan hundaa hammate akka dhufuuf hojiin ministirri Muummee doktar Abiy Ahmad hojjechaa jiran kan dinqisiifate yoo ta'uu, naannoo Tigiraayitti adeemsi jiru akka walitti bu'insaan dura tureetti akka deebi'u hojiin hojjetamu cimuu qaba jedheera.

Ameerikaan Itoophiyaatti nagaan waaraa akka dhufuufi tokkumaa, birmadummaa kan eegame uumuf hojii hojjetamu Itoophiyaan kan deeggartu ta'uus ibsi kun addeesera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015