Torban duula talaallii weerara Gifiraa, Pooliyoo fi Busaa keelloo ittisuurratti xiyyeeffatu gaggeeffamuuf jedhame.

92

Ebla 20/2014(TOI) - Torban duula talaallii weerara Gifiraa, Pooliyoo fi Busaa keelloo ittisuurratti xiyyeeffatu gaggeeffamuuf jedhame.

Duulli talaallii kun Wiixata dhufu irraa eegalee akka kennamu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Deetaan Ministira Fayyaa doktar Darajjee Dhugummaa akka himanitti, duulli talaallii torban talaallii Afrikaa sababeeffachuun gaggeeffamu kun rakkoo nageenyaan wal qabatee bakkeewwan talaalliin osoo hin kennamiin hafe keessatti akka kennamu himan.

Kaayyoon duula talaallii kanaas, dhukkuboota daddarboo kanneen akka Gifiraa, Pooliyoo fi Busaa keelloo bifa weeraraan ka’uu danda’an dursanii ittisuuf akka ta’e himaniiru.

Duulli talaallii kunis bakka lammiileen buqqa’anii jiranitti bal’inaan ni kennama jedhan.

Duula talaaallii kanaan cinaattis, dhibee garaa keessoo daa’immanii ittisuuf Viitaamni A fi daa’imman hanqina nyaataan miidhaman adda baasuun yaalli akka kennamus doktar Darajjeen himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015