Ministeerichi lammilee naannootti Affaar qe'ee isaanirraa buqqa'aniif birrii miiliyoona 5 deeggarsa taasise. - ENA Afaan Oromoo
Ministeerichi lammilee naannootti Affaar qe'ee isaanirraa buqqa'aniif birrii miiliyoona 5 deeggarsa taasise.

Ebla 20/2014(TOI) - Ministeerri Jallisii fi naannawwaa Gammoojjii naannoo Affaaritti lammilee sababa weerara garee shororkeessaa ABUT qe'eefi qabeenya isaaniirra buqqa'aniif deeggrsa birrii miiliyoona 5 taasise.
Deeggarsichas Ministirri Jallisiifi naannawwaa gammoojji injineer Ayishaa Mahaammad pirezidaantii naannoo Affaar obbo Awal Arbaatti dabarsanii kennaniiru.
Pirezidaantiin naannoo Affaar obbo Awal Arbaa sirna kanarratti akka himanitti naannichatti sababa weerara garee shororkeessaa ABUT raawwateen lammileen hedduun qe'eefi qabeenya isaanirraa buqqa'aniiru.
Mootummaan dhaabbilee gargaarsa adda addaa waliin ta'uun lammilee kanneeniif deeggarsa dhiheessa jiratuus baay'ina irraa kan ka'aa deeggarsi dabalata ni barbaachisa jedhameera.
Deeggarsa namooma malee lammilee qe'ee isaanirra buqqa'an kana deebisanii dhaabuf deeggarsi akka taasifamu gaafataniiru.Deeggarsi ministeerichi taasises deeggarsa namoomaafi deebisanii dhaabuuf kan oolu ta'uu himaniiru.
Injinaar Ayishaa Mahaammadis deeggarsa namoomafi deebisanii dhaabuuf taasifamu kana gara fuula duraattis dhaabilee qooda fudhatoota biroo hirmaachisuun kan itti fufamu ta'uu himaniiru.
Naannichaatti Ministeerichi kanaan duras qooda fudhatoota waliin ta'uun lammilee qe'ee isaanirra buqqa'aniif deeggarsa taasisuun isaa ni yaadatama.