Rakkoon magaalaa Gondoritti raawwatee akka babali'atu kanneen taasisuuf yaalaa jiran gochaa isaanirra deebi'uu qabu - Yaa'ii dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa

68

Ebla 20/2014(TOI) - Rakkoon magaalaa Gondoritti jidduu kana raawwate akka babal'atu kanneen taasisuuf yaalaa jiran gochaa isaanirra deebi'uu akka qaban Yaa'iin dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa hubachiise.

Yaa'iin dhaabbilee amantaa Itoophiyaa rakkoo dheengadda magaala Gondoritti raawwate ilaalchisuun ibsa laateera.

Ibsicha kan laataan barreessaan olaanaa yaa'ii dhaabbilee amantaa Itoophiyaa qeesis Tagaay Taaddalaa gochaan magaalaa Gondoritti dheengadda raawwate gochaa barsiisa amantaa faallessuu waan ta'eef kan balaaleffatamudha jedheera.

Gochaan kun gochaa amantaa kamiyyuu bakka akka hin taanes himaniiru.

Rakkoo Ebla 18 magaalaa Gondoritti raawwate kana babal'isuuf kannneen tattafachaa jira gochaa isaanirra dhaabbachuu akka qabanis hubachiisaniiru.

Dhaabbileen amantaa rakkoo umamaan karaa tasgabbii qabuun hubachuun akka rakkoowwan umamaan furamaniif hojjechuu qabus jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015